Isteeroota dhangaggeewwan coomaa alkoolii adda addaa qabanidha.
<< Isteriin dhaalamoota (derivatives) karboogziliik asiidii ta'e, gareen "OH" karboogziliik asiidii garee "OR" alkooksii bakka bu'uun (RCOOR') kan uumamu dha. Isteeroonni baayinaan kompaawundoota uumamaan argamani fi dhangala'oo foolii gaarii qabani dha. Hedduun isaanii fuduuraalee fi kompaawundota dhugaatii adda addaa keesstti foolii gaarii kennuun beekamu. Fkn, mitayilbutanoyeetii(anaanaasii), okatayilitanoyeetii (burtukaana), ayisoopentayilasiteetii (muuzii) fi kkf.>>
Tiraayigiliisaayidii (Coomaafi quyyisa)-: kan uumame gilsaaroolii tokkoo fi asiidota coomaa sadii irraa. Garaagarummaan coomaa fi zayita gidduu jiru haala qaama isaanii qofa.Zayitoonni ho’a kutaa keessatti dhangala’oo yoo ta’an, coomni ammoo jajjaboo dha.Coomaafi quyyisni lubbiyyoo coomaa adipocytes ykn lipocytes jedhamu keessatti kuufama, Isaanis anniisaa qaama bineensaa keessatti kuufameedha.
Wax(sorgoo)::-Sorgoon(wax) isteera dhangaggeewan coomaa alkoolii funcaa dheeraa qabu kan gilsaroolii caalaa. Baalli biqiltootaa, rifeensi simbirrootaa fi fuula firiiwwanii soloqmutni sorgoon kan dibame dha. Qolli biqiltoota bishaan irraa hir’achuu fi infekshinii fangasii irraa ni eega. Dhaaba dammaa(honeycomb) gaagura keessa jirus gaagura(beeswax) irraa hojjetama.
Lipiidonni walxaxaa esteerota asiidota coomaa fi alkoolii garee dabalataa kan akka fosfeetii, beezii naayitiroojiinii, kaarboohayidireetii ykn mataa pirootiinii qabani dha.
Suuphana badaatuu (Phospholipids):
Foosfooliipiidonni kan uumaman yeroo molakiyuulonni asiidii coomaa lama alkoolii (giliiseroolii yookiin isfiingoosiinii )tti hidhamanii fi bakki sadaffaa FA garee fosfeetiitiin fudhatamudha.
Gosoota Foosfoolipiidii
a) Glycerophospholipids:- Alkooliin glycerol dha
b) Sphingophospholipids:- Alkooliin isphingosine dha
Suuphana badaatuu qunxuleessa (Glycerophospholipid ) caasaa guddaa sabagoota lubbiyyoo Nyaayoosuuphana(glycolipids) fi proteoglycans cinatti kan akka danqaa filannoo seelii fi naannoo isaa gidduutti hojjetu taasisa.Naannoowwan gilsaarofosfooliipiidii lama qabu: naannoo haayidiroofiilikii (bishaan jaallatu), garee fosfeetii fi haayidirookaarboonii haayidiroofobiik (bishaan jibbu) bishaan keessatti baqqaana lamatti qindaa’e of keessaa qaba. Mataan haayidiroofiilikii gara alaatti gara bishaanitti, eegee haayidiroofobiikii immoo gara keessaatti, bishaan irraa fagaatee garagalee jira.
Nyaayoosuuphana(Glycolipids):- Suuphanoota garee dhangaggee coomaa, isfingoosiinii fi kaarboohayidireetii of keessaa qaban.Lipidii kana keessatti gilsaaroolii fi fosfeetiin hin jiran
Suuphanooburqata (Lipoproteins): Isaan kun xaxa molookiyuuloota gurguddoo suuphanoota burqata waliin ta’aniidha.