Movatterモバイル変換


[0]ホーム

URL:


Jump to content
Wikipedia
Barbadu

Siyaatil

Wikipedia irraa

Siyaatil magaalaa naannoo qarqara garbaa jirtu yoo taatu,USA keessatti mootummmaa naannooWaashingiten keessatti argamti. Bara 2012tii, magaalaan kun jiraattota 634,535 kan qabduu fi akkasumaas magaalaaUSA ariitidhaan guddachaa jiran keessa ishii tokko. Naannoo magaalaa Siyaatil uummata miliyoona 4 ta'u kan jiraatu wayita ta'u kunisUSA keessaa sadarkaa 15ffaa qabata.

Dhalattoonni Ameerikaa (Native Americans), odoo qubattooniYuurooppi kan jalqaba hin dhufin dura, naannoon Siyaatil waggaa 4,000 ol achi jiraachaa turan. Artur A. Deenii fi gareen isaa gaafa Sadaasa 13, 1851 iddoo Alkii Pooyint jedhamu ga'an. Bara 1853, qubsumni isaanii gara iddoo amma magaalaan Siyaatil jirtu kanatti kan jijjiirrame yoo ta'u maqaa Siyaatil jedhus kennameef. Maqaan kunis kan moggaafameef nama yeroo sana gosa naannoo san turan kanDuwamish fiSuqu'amish jedhaman bulchu kanSi'aal jedhamu irraayi.

"https://om.wikipedia.org/w/index.php?title=Siyaatil&oldid=26342" irraa kan fudhatame
Ramaddii:

[8]ページ先頭

©2009-2026 Movatter.jp