Indaakteriin, maraas ni jedhama, ruuqoo elektirikaalii mugaa kan tarminaalii lama qabu yoo ta'u hojiinsaas jijjiirama yaa'akarantiielektirikii isa keessa darbaa jiruu mormuu dha. Indaakteriin shiboo elektirikii dabarsu kan marame of keessa qaba. Yeroo karantiin keessa yaa'u, anniisaan yeroodhaafmaagineetiik fiildii maraa shiboo san keessatti kuufama. Yeroo karantiin indaakterii keessa yaa'u jijjiiramu,maagineetiik fiildiin yeroo-wajjin jijjiiraamu indaakterii keessatti voolteejii uuma, kunis seera elektiroomaagineetik indaakshiniiFaradeeyi irratti hundaa'a. Kunimmoo jijjiiramakarantii kan kana uume sana morma.
Indaakteriin indaaktaansii isaatin ibsama, kunis reeshiyoo voolteejii fi saffisa jijjiirama karantiiti, safartuun isaas henriis (H) dha. Indaakteroonni yeroo baayyee gatii 1 µH (10−6H) hanga 1 H guddatu qabaatu. Indaakteroonni baayyen maagineetiik koorii kan ayiranii ykn feerraayitii irraa hojjatame maraa indaakterii keessaa qabaatu, kunis maagineetiik fiildii guddisuudhan indaaktaansiin akka dabalu godha.Kaappaasiterii firezisterii wajjin, indaakteriin ruuqoo mugaa sorooroo sarkiyuutii kan elektirik sarkiyuutii uuman sadi'i keessa tokko. Indaakteriin baayyinaan meeshaalee elektirooniik karantii dambali'u (AC) fayyadaman keessatti tajaajila, keessaahuu meeshaa raadiyoo keessatti. Isaan yaa'a karantii AC dhorku, yaa'a karantii DC garuu ni dabarsu; indaakteroonni hojii kanaaf saxaxaman chooki jedhamu. Kana malees, gingilchaa elektiroonikii keessattiasattooammamtaa adda adaa qabu addaan baasuuf fayyada, kaappaasiterii wajjininis sarkiyuutii tiyuunii (tuned circuits), kan fudhattuu raadiyoo fi TV keessatti tajaajilu, hojjachuuf fayyada.