Seelii ykn lubbiyyoo iyuukaariyootii idileeSeelonni dalagaa isaanii raawwachuuf anniisaa isaan barbaachisa. Anniisaa kanas soorata irraa adeemsa gubama soorataatiin argatu.Gubamni soorataa adeemsa Lubbiyyoo keessatti walnyaatisa keemikaala gaggeesuun nyaata irraa anniisaa (ATP) omishuuti. Adeemsi gubama soorataa tokkon tokkoo seelota keessatti waan geggeffamuufhargansuu Lubbiyyoo keessaa jedhamuuniis ni waamama. Adeemsi gubama soorataa bakka lamatti qoodama. Isaaniis:gubama soorataa oksijiinii malee gaggeeffamuu(anaerobic respiration)fi gubama soorataa oksijiiniin gaggeeffamuu (aerobic respiration)dha
Gubamni soorataa gargaarsa oksijiiniin gaggeeffamuu gubama soorataa oksijiinii jedhama. Gubamni soorataa kun gosa gubama soorataa anniisan hedduu oomishamudha. Gosa gubama soorataa kanaan sooranni oksijiiniin guutuumaan guutuutti waan gubatuuf annisaa guddaa ta’etu omishama. Fakkeenyaaf, molokiyuulii gulukoosii tokko irraa anniisaa 36/38ATP oomishama. Dabalataaniis kaarboondaayoksaayidiifi bishaan gadi lakkifama.
Gulukoosii + oksijiiniikaarboondaayoksaayidii + bishaan +36/38ATP
C6H12O6 +6O26CO2 +6H2O + 36/38ATP
Gubamni soorataa kun maayitookondiriyaa Lubbiyyoo keessatti gaggeeffama. Kanaafuu,
maayitookondiriyaan ykn caasumneen “burqaa/man’ee anniisaa Lubbiyyoo ykn seelii” jedhama.
Gubamni soorataa oksijiinii malee gaggeeffamu gubama soorataa oksijiinii malee jedhama. Kunis gubama soorataa O2 otoo hin fayyadamin raawwatamuudha. Kan gaggeeffamus saayitoopilaazmii Lubbiyyoo keessatti. Adeemsa gubama soorataa kana keessatti sooranni oksijiinii malee waan gubatuufi guutummaa guutuutti waan hincaccabneef anniisaa xiqqaa ta’etu (2ATP) omishama.
Adeemsi gubama soorataa kun bineeldota keessatti yommu gaggeeffamu asiidii laaktiki fi anniisaan yoo oomishamu biqiltootaafi raacatiifaa keessatti immoo itaanool, kaarboondaayoksaayidiifi annisaatu uumama
Gubama soorataa oksijiinii malee bineeldota keessatti
GulukoosiiAsiidii laaktikii + Anniisaa
C6H12O62(C3H6O3) + 2ATP
Gubama soorataa oksijiinii malee biqiltootaafi raacatiifaa keessatti
GulukoosiiItaanoolii + kaarboondaayoksaayidii + Anniisaa
C6H12O62(C2H5OH) + 2(CO2) + 2ATP