Appaartaayidii (Afaan Afrikaa kibbaati, adda cokuu), maqaa waliigalaa kansiyaasa jibba dhala namaa bifa fi sanyii irratti hundaa’ee nama addaa qooduti. Siyaasni kun biyya rippabiliika Aafrikaa kibbaa keessatti adeemsifamaa kan ture yoo ta’u. Sirni kuni bara 1948 fi 1994 jidduutti biyyattiii keessatti gaggeeffamaa ture. Siyaasa Appaartaayidii kanatti fayyadamuun dhiibbaa fii cunqursaa gaggeessaa kan turan worroota galtuuAwurooppaa irraa dhufan yoo ta’u, warrii biyyaa (gurraachota Aafrikaa) ammoo seera warri adii isaanitti baaseen cunqurfamanii kophaatti cokamanii jiiraataa turan. Seerota cunqursaa keessa kan akka mana bunaa, hoteela, mana barnootaa fii wirtuulee tajaajilaa kan hawaasa biyyattii keessa jiran warri adiif gurraachi akka walitti hin fayyadamne godhuu ture. Karaa biraatiin ammoo jiraattonni biyyattii dirqiin akka taaksii (tax) kaffalan godhaa turan.
Gara biraatiin ammoo, jecha Appaartaayidii kana sirna bulchiinsaa adda ta’e, kan siyaasa isaa ”rasisme”ykn jibba gosa biraa kan bifaa fi sanyii irratti hunda’een adeemsisuun waamna. Sirni akkana kuni yeroo baay’ee koloniin walitti hidhata qaba. Mootummotni Walii Galan MW(UN) yeroo jalqabaatiif jecha Appaartaayidii jedhu kan ifatti baasee fayyadame bara 1976 karaa International convantion against Apartheid (turjumaanaan na gargaaraa)yoo ta’u. Halaaf amala mootummoota cunqurfataa ibsuufi jechii Appaartaayidii ni fayyadama.