Movatterモバイル変換


[0]ホーム

URL:


Jump to content
Wikipedia
Barbadu

Allaattiiwan

Wikipedia irraa

Allaattiiwwan akkuma qurxummiilee, dagalhareeyyii, Munyuuqeewwaniifi hoosiftootaa bineeldota lafee qabeeyyiidha. Amaloota beekamoo allaattiiwwan ittiin beekaman keessaa muraasniisaanii kanneen armaan gadiiti. qaamni isaanii baalleen kan haguugame ta’uu;  Miila isaanii irraa iskeelii qabu. Qaamni hargansuu isaanii sombadha. Fartilaayizeshinii qaama keessaa gaggeessu. Onnee goloota afuriitti qoodame (oorikilii lamaafi veentirikilii lama) qabaniifi kanneen kana fakkaataniidha. Allaattiiwwan hedduun isaanii kan balali’an yoo ta’u muraasni isaanii kanneen akka guchii, peengiwiniifi kan kana fakkaatan immoo balali’uu hin danda’an. Allaattiiwwan ilkaan hin qaban garuu afaan soorata garagaraa itti qabatan biikii (qoffee) boca adda addaa qabu ni qabu. Tempireechara qaamaa dhaabbataa ta’e waan qabaniif hoomootarmoota (indootarmoota) jedhamu. Fakkeenyaa allattiiwwanii keessaa muraasni kan akka bullaallaa, lukkuu, huummoo, joobira,Qabbanbalalii,daakkiyyee,haadhmaara,kurkuddu,Baalheedduu, haadha waaqoo, ruumicha, culullee, risaa, sololiyaa,gogorii, guchiifi kan kana fakkaatanidha

"https://om.wikipedia.org/w/index.php?title=Allaattiiwan&oldid=42005" irraa kan fudhatame
Ramaddiiwwan:

[8]ページ先頭

©2009-2026 Movatter.jp