Sheek Bakrii Saphaalloo | |||
---|---|---|---|
Ogummaa: | hayyuu,walaleessa,barsiisaa | ||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Guyyaa dhalootaa: | h 1895 | ||
Bakka dhalootaa: | Harar,Itoophiyaa | ||
Guyyaa du'aa: | Ebla 5, 1980 | ||
Bakka du'aa: | Mooraa baqattuu Biyya hidhinka, Hargeeysa, Somaaliyaa |
Sheek Bakrii Saphaalloo (maqaa dhalootaa:Abubakar Garad Usmaan; A.L.A Sadaasa 1895 – 5 Ebla 1980) hayyuuOromoo fi walaleessa (poet) fi barsiisaa amantiiti. Hunda caala kan inni ittiin beekamu qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini.
Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yerooMinilikHarar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantiiIslaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettiiAfaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Hayiwaardi fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti,haati isaa Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar garaCarcar deemee barsiisaa amantiiIslaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aanseeHarar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.
Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo MinilikHarar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantiiIslaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettiiAfaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Haywar fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati Sheek Bakrii Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne maqaa ishiirraa ka'uun tilmaamu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.
Erga waggaa 20 barnootarratti dabarsee booda, Sheek Bakriin garaSaphaallootti debii'e; achittis barsiisuu jalqabe. Amantiidhan bukkeetti, barnoota akka hawaasaa, seenaa, herreega, qorannaa urjii(astronomy), Afaan Arabaa fi barreeffama Afaan Oromootin barreessuu barsiisa ture. Ofii isaasAfaan Oromootin walaloo barreessu jalqabe; Kunimmoo isaaf beekkamtii akka argatuu fi maqaa inni baayyinaan ittiin beekkamu akka argatu godhe. Sheek Bakriin Saphaalloo gadi-lakkisee iddowwan adda addaatti barsiisaa ture. Kana keessaa beekkamaan sadi'iHortuu, naannooDirre Dhawaa, magaalaaDirre Dhawaa mataasaa, fi Addelle,Dirre Dhawaarraa km 25 kan fagaattu fi karaaHararirratti kana argamtu. Adelleetti mana barumsaa ijaaree ture, manni barumsaa kuni masgiida isaa jedhamee beekkama. Sheek Bakriin bakka deeme hundatti dubartii naannoo sanaa haadha manaa godhee fuudhaa akka ture dubbatama. Kana keessaa haati manaan isaa 11 ni beekkamu. Hadha manaa isaa sadi'irraa ijoollee 18 qaba ture: dhiira 13 fi durba 5. Haadha manaa baayyee haa qabaatu malee, Sheek Bakriin seera fuudhaaMusliimaa eegaa ture, si'a tokkottis haadha manaa lamaa ol hin qabu ture; bara dullumasaa keessa ammoo haadha manaa tokko qofa qaba ture. Yeroo kana barreeffama Afaan Oromoo fi Afaan Arabaa baayyee barreessaa ture.
Sheek Bakriin qubee Afaan Oromoo ittiin barreessan haaraa bara 1956tti iddooHagi Qome jedhamutti uume. Sheek Bakriin qubee kana uumuuf gara naannoo dhaloota isaatti deebi'e. Kunis qondaaltonni mootummaAfaan Oromoon qubee kan biraan dhiisii qubee Saabatiinu akka barreeffamuuf gonkuma kan hin barbaadne waan turaniif hojiisaa icitiin hojjachuuf ta'u hin oolu jedhama. Jalqabarratti yoo qubeen Afaan Oromoo kun fudhatama guddaa nannooHarargeetti argateyyuu, qondaaltonnii mootummaa Itoophiyaa ija sodaatin ilaalun "Oromoo akka of baru godhee tokkummaa biyyattii balaa keessa buusa" jedhan. Kanarraa ka'uun fayyadama qubee kana ukkamsuu jalqaban. Bara 1965tti Sheek Bakrii SaphaallosDirre Dhawaatti hidhaa manaa jala akka turuu godhan; barsiisuu akka itti fufu garuu eeyyamaniif. Bara 1968tti, torbanitii si'a lama ykn sadi'iAdelle akka dhaqu eeyyamaniif. Yeroo kana Sheek Bakrii Shalda, kan fuula 20 qabu, kan inni barreesse. Shaldaan barreffama qajeelfama amantii qabate kan fakkeeffame yoo ta'u garuu jalqabaa qabee amma dhumaatti waa'ee bitta garbumma Amaaraa fi hacuuccaa Oromoorra ga'e fi rakkina sirna Hayilasillaase jalatti uummata Oromoorra ga'aa jiru kan qabate ture. Wanti biraa Shaldaa adda godhu, barreeffama guddaa jedhamuu keessaa qubee Sheek Bakrii Saphaallotti fayyadamuun kan jalqabaa fi kan dhumaas ture.
Bara 1978tti, ergaHayila Sillaasen aangorraa bu'eeDargiin angoo qabatee booda, Sheek Bakrii Saphaalloo fi haati manaan isaaGoola Diimaa (Red Terror) baqachuun garaSomaaliyaa deeman. Achittis buufata baqattoota Hiraan keessa galan. Sheek Bakriin garaMoqaadishoo akka deemuf eeyyama nan argadha jedhee abdatee ture. Moqaadishoos deemee hojjatee barreffama isaa maxxansuuf hawwii qaba ture. Garuu buufata baqattootaa gadi-lakkisee garaMoqaadishoo deemuf eeyyama hin arganne. Haalii buufaticha keessa jirus isaaf nama umuriin saddeettama keessa jiruuf ulfataa ta'e. Achittis yeroo dheeraa erga dhukkubsatee booda bara 1980tti umurii wagga 85tti du'e.
Sheek Bakriin barreeffama baayyee amantiirratti fi amantiin-ala kan barreesse yoo ta'u, kana keessaa muraasa qofatu meeshaalee maxxansaan qophaa'ee; barreffamni baayyeen harkaan kan barreeffame ture. Barreeffamoonni kun barattoota isaa adda addaa biratti faffaca'anii turan. Hayiwaardi fi Hasan barreeffama inni barreessee kessaa saddeet kan inni Afaan Arabaan barreesse tarreessu, barreeffamoonni kun Moqaadishootti argamuu akka danda'anis heeraniiru:Dirdsa fi al-mantiqa 1-Harariyya jughrafiyyan wa bashariyyan, barreeffama qorannaa hawaasaa (geography) fi dimoograafii naannoo Harari fi kan fuula 200 qabu; barreeffama seenaa lamaJanaza shamarikh min hadayiz al-tawarikh kan fuula 95 qabu, andKitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh, kitaaba seenaa Oromoo kan fuula 56 qabu; barreeffama amantii sadi'i Al-mawahib al-madadiyyah fi l-'awf al-'adadiyya,Muqaddamat taysir al-zari'a(fuula 48 qaba), fiTaysir al-zari'a ila fuquhiyy fi ahkam al-shari'a; fi seenaa barsiiftota isaa (biography) lama kan armaan olitti ibsame.
Mahaammad Hasan yeroo kitaabaThe Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860 barreessu barreeffama Sheek Bakrii Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh itti baayyee fayyadame. Barreeffama Sheek Bakrii kanas akkas jedhee ibse "seenaa Oromoo jalqabaa hanga ammaa irratti ibsa guddaa qaba. Seenaa Oromoo kan jalqabaarratti hanqina haa qabaatu malee sirna gadaarratti odeeffannoo gaarii qaba". Mahaammad wa'eesirna Gadaa yeroo barreessu barreeffama Sheek Bakrii kanarratti hunda'e.
Akkuma olitti ibsametti Sheek Bakriin walaleessaaOromoo beekkamaa dha. Akka Hayiwaardi fi Hasan jedhanitti, "Sheek Bakriin sammuu Oromootaa kana dadammaqsee fi karaa walaloo isaa kan inni Afan isaanitiin barreessen akkasumas ummanni akka qalbiitti qabatee yaadatuuf gaggabaabaa kan tureen jaalaala Oromoo argate.
Hojiin Sheek Bakri Saphaallloo inni guddaan qubeeAfaan Oromoo ta'u uumuuf yaalii guddaa taasisuu isaati.Afaan Oromoo sirna barreeffamaa adda addaa lamaafi oliin barreeffama kana ture yoo ta'u, Sheek Bakriin lamaafi isaa olii isaanii ni beeka ture; Fknf. lamaan isaanii keessaa kanneen akka Afaan Arabaa fi Afaan Gi'izii nibeeka. Sirni barreeffamaa afaan lamaanu kanaAfaan Oromoo barreessuf mijatu hin turre. Kana keessaa tokkoAfaan Oromoo dubbachiiftuu 10fi ola kan qabu yoo ta'uAmaariffi garuu dubbachiiftu sadeetiifi ol qaba. Dhimmichiwaayee lakkoofsa dubbachiiftuuafaanotaa walsimuufiwalsimuu baachuumiti. Dhimmimurteessaan dubbachiiftotiin fi/ykn (and/or) haala uumamaafaanichaa waliin kanneenwalsimatanykn mijatan ta'uudha. Sheek Bakriin qorannaa afaanii (linguistics) ykn beekkumsa sagaleewwan afaanii (phoneme) kan hin qabne yoo ta'u sirnni barreeffamaa inni uume garuu irraa caalansaa sagalee afaanii(phoneme) irratti hundaa'a. Kana jechuun sagaleewwanAfaan Oromoo tokko tokkon isaanitiif qubee tokko uume. Hayiwaardi fi Hasan itti aansun sirni barreeffamaa inni uume kun silabasii fi alfaabeetii kan walitti qabate ture jechuun dubbatu. Sirni barreeffamaa Sheek Bakrii kun akkaAfaan Arabaa walitti hidhamaa kan hin turre yoo ta'u, kunimmooAfaan Arabaarraa caalaaGi'iizitti kan hidhate kan fakkeessu yoo ta'u, karaa biraa ammoo qubee sagalee hin qabne kan barreeffama keessatti itti hin fayyadamane qaba; kun immooGi'iizii keessa kan hin jirre. Walumaagalatti sirni barreeffamaa Sheek Bakrii afaan barreeffama kan Amaariffaatiin kallattiimuraasaan hidhata qaba. Innis, a) tariibni sagalootaa akkaatuma tartiiba quboota Amaariffaa hordofee kan barreeffe ta'uun (Fknf. 'ha hu hi he ho'n tartiiba 'ha hu hi haa he hI ho'hordofuudha); b) amala uumama Afaan Oromoo kan eegee barreeffame ta'uun (fknf. Afaan Oromoo dubbachiiftota gaggabaabaafi dhedheeraa ta'an 10: ha hu hi he ho haa huu hii hee hoo)ifaanhojiin agarsiiseera. Kalaqni isaa dorgomaa hinqabu; sirna hayyoota akkasii jiraa nyaataa ture keessatti akkamitti tasgabbahanii akka kalaqa kana raawwatan ajaa'iba.