Movatterモバイル変換


[0]ホーム

URL:


Jump to content
Wikipedia
Barbadu

0

Wikipedia irraa
0
Zeeroo

Zeeroon yknduwween lakkoofsa addaati.Yoo wantootni duwween jiraatan tasumaa homaa hin jiru. Fakkeenyaaf namni tokko kophee duwwee yoo qabaate kophee tokkollee hin qabu jechuudha.

Seenaa

[gulaali |lakkaddaa gulaali]

Yaad-rimeen duuwwee Dh.K.D jaarraa 3ffaa baabiliyoonii keessatti burqee ture. Haa ta’u malee, warri Baabiloon akka nuti itti fayyadamnutti utuu ta’in, duwwaa kka bakka bu’utti fayyadamaniiru. Fakkeenyaaf, 304, ykn 450 yeroo barreessinu, 0 asitti argamu lakkoofsi dhabamuu fi iddoon qofti agarsiisa.

WarriHindii akkaataa nuti itti fayyadamnutti zeeroo fayyadamaniiru, kunis yoo xiqqaate bara 620 Dh.K.B.tti jalqabe.[1] Lammiilee Hindiitiif zeeroo mallattoo iddoo qofa osoo hin taane, lakkoofsa of danda’ee shallaggii gargaaru ture. Lammiilee Hindii biratti 0 ida’uu, hir’isuu, hiruu fi baay’isuuf itti fayyadamaa turan.

Bara 768 Dh.K.B irraa eegaleeAraboonni oguma lakkoofsa kanaa warra Hindii irraa barachuun lakkoofsa haaraa kanaaf maqaasifir صفر jedhu kennaniiru . Hiikni isaaduwwaa ture . Hayyoonni Arabaa waggoota 200 kana keessatti hayyoota Awurooppaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu faayidaa zeeroo (0) waan qabaniif, herrega qofa osoo hin taane damee saayinsii birootiin sadarka gyddaa irra gahaniru. yeroof hayyoonni addunyaa Arabaa daran dhiibuu danda’aniiru.

Sana booda lakkoofsi kun jalqaba kitaaba Awurooppaa tokko keessatti bara 968 Dh.K.D. Fibonaccilammiin Xaaliyaanii, kan lakkoofsa kana Araboota irraa liqeesse, jecha "sifir" jedhu garaZefiro tti jijjiire, itti fayyadamni lakkoofsa kanaas keessumaa jaarraa 12ffaa Dh.K.D. Awurooppaan babal’achuu qabdi turte. Booda,Afaan Ingiliffaatiin, "Zeefiiro" gara "Zero"tti jijjiiramee maqaan isaas kanaan maxxane.

herregaafi duuwwee

[gulaali |lakkaddaa gulaali]
  • Zeeroo lakkoofsa hiramaa ti.
  • Zeeroon pozaatiiviis ta'eenegaatiivii miti .

Amaloota zeeroo

[gulaali |lakkaddaa gulaali]
  • ida'uu:x + 0 = 0 +x =x . Lakkoofsa biraatti zeeroo dabaluun lakkoofsa sana hin jijjiiru
  • Hir’isuu:x − 0 =x fi 0 −x = −x .
  • Baay’isi:x · 0 = 0 ·x = 0.
  • Qoodi: 0|x = 0, bakkax lakkoofsa zeeroo hin taane ta’etti. Faallaa kanaatiin,x |0 kan hin hiikamne dha .
  • Aangessoo:x0 =x /x = 1, kun kan hojjetu yeroox = 0 qofa. Akkasumas, lakkoofsa dhugaa kamiyyuux, 0x = 0.
  1. 2010 ዓም፣ ተመርማሪዎች በ«ካርቦን ዝመና» ዘዴ በኩል ዜሮ የሚጠቀምበት አንድ ሰነድ ከ200-400 ዓ.ም. እንደ ሆነ አሳወቁ። «ካርቦን ዝመና» ግን እጅግ አጠያያቂ ዘዴ ነው።
"https://om.wikipedia.org/w/index.php?title=0&oldid=43511" irraa kan fudhatame
Ramaddii:

[8]ページ先頭

©2009-2025 Movatter.jp